Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Lafti Ni Baddii Laata?

Lafti Ni Baddii Laata?

Gaaffii Dubbistootaa

Lafti Ni Baddii Laata?

▪ Namoonni tokko tokko lafti Onkoloolessa 21, 2011⁠tti ni baddi jedhanii eegaa turaniiru. Haataʼu malee kun hin raawwatamne. Raajiin namni sagantaa raadiyoo Yunaayitid Isteetis qopheessuufi Harooldi Kaampiing jedhamu dubbate utuu hin raawwatamin hafeera. Namichi kun Guyyaan Firdii sochoʼa lafaa guddaa guutummaa biyya lafaarratti gaʼuun Caamsaa 21, 2011 akka dhufu, achiis jiʼa shan booda jechuunis Onkoloolessa 21 lafti akka baddu dubbatee ture.

Haataʼu malee lafti matumaa hin baddu. Waaqni inni lafa uume akka isheen baddu hin heyyamu. Dubbiinsaa, “Lafa cimsitee dhaabdeetta, innis jabaatee in dhaabata” jedha.​—Faarfannaa 119:90.

Namoonni Macaafa Qulqulluu dubbisan tokko tokko garuu lafti ibiddaan baddi jedhanii falmu. Namoonni kun yaadasaanii deggeruuf, 2 Phexros 3:7, 10 isa akkas jedhu caqasu: “Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaaʼamanii jiru. . . . Guyyaan gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa; guyyaa sanatti bantiiwwan waaqaa sagalee guddisee didichuun in dhidhimu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu hoʼa ibiddaatiin wal in gad dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu.” Yaanni Phexros ergamaan dubbate kun kallattiidhaan kan fudhatamudhaa?

Gonkumaa akkasitti fudhatamuu hin qabu. Maaliif? Hiikni caqasa kanaa yaada naannoo caqasichaa jiruufi guutummaa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuu waan qabuufidha. Caqasa kana kallattiidhaan fudhachuu jechuun, sababa balleessaa namoonni hamoon lafa ishee hamma injijjii geessurra jiraatan raawwataniin, uumamni cufti, urjiiwwan biliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifi wantoonni garabiraan ni badu jechuudha. Mee yaadi, cirracha tokkittii jibbuu keetiin kan kaʼe cirracha qarqara galaanaa jiru hunda ni balleessitaa? Kun waan hin fakkaannedha. Yihowaanis wantoota uume keessaa bakka tokkotti hammeenyi waan raawwatameef qofa uumama cufa hin balleessu.

Kana malees ilaalchi akkasii yaada Yesus Kiristos, “Warri garraamiin haa gammadan, isaan [‘lafan in dhaalu,’ hiika bara 1899]” jedhee dubbatee wajjin kallattiidhaan kan wal faallessudha. (Maatewos 5:5; Faarfannaa 37:29) Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko gubuudhumaaf jedhee mana gaarii maatiisaatiif ni ijaaraa? (Faarfannaa 115:16) Kun wanta hin yaadamnedha! Yihowaan Uumaa qofa utuu hin taʼin, Abbaa jaalala qabeessa taʼedha.​—Faarfannaa 103:13; 1 Yohannis 4:8.

Phexros jecha ‘lafa’ jedhu fakkeenyaan hawaasa ilmaan namootaa argisiisuuf kan itti fayyadame siʼa taʼu, caqasa kanarrattimmoo hawaasa ilmaan namootaa hamoo taʼan argisiisa. Phexros badiisa gaʼuuf jiru Bishaan Badiisaa bara Nohi wajjin wal fakkeessuusaa hubadhu. (2 Phexros 3:5, 6) Yeroo sanatti namoonni hamoon qofti kan badan siʼa taʼu, Nohi inni qajeelaaniifi maatiinsaa oolaniiru; laftis hin banne. Phexros yaada “bantiiwwan waaqaa” jedhus fakkeenyumaan itti fayyadame. Caqasa kanarratti bulchiinsa ilmaan namootaa Waaqayyo malee jiraatan kan argisiisudha. Kanaaf, hamoonni jijjiiramuuf fedhii hin qabneefi mootummoonni hamoon balleeffamanii, Mootummaa Waaqayyoo samiirraa bulchuun bakka buufamu.​—Daaniʼel 2:44.

Maarree lafti ni baddii laata? Matumaa! Lafa fakkeenyaan ibsame ykn hawaasa ilmaan namootaa hamoo taʼantu bada. Laftis taʼe hawaasni ilmaan namootaa Waaqayyoon sodaatan barabaraan jiraatu.​—Fakkeenya 2:21, 22.