Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoonni “Kiristiyaana” Ofiin Jedhan Hundi Kiristiyaanadhaa?

Namoonni “Kiristiyaana” Ofiin Jedhan Hundi Kiristiyaanadhaa?

Namoonni “Kiristiyaana” Ofiin Jedhan Hundi Kiristiyaanadhaa?

YEROO AMMAA Kiristiyaanonni jiran meeqa taʼu? Kitaabni Atilaas oov Giloobaal Kiristiyaanitii jedhamu akka ibsetti, bara 2010⁠tti addunyaa maratti Kiristiyaanota gara biliyoona 2.3 taʼantu jira ture. Haataʼu malee kitaabumti kun, dhaabbanni amantii Kiristiyaanotaa 41,000 ol akka taʼeefi barumsi buʼuuraas taʼe seerri amalaa isaan ittiin geggeeffaman garaagara taʼuusaa ibseera. Dhaabbanni amantii “Kiristiyaanaa” hamma kana baayʼachuunsaa, namoonni tokko tokko akka burjaajaʼaniifi akka abdii kutatan isaan gochuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Kanaaf, ‘Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan hundi dhugumaan Kiristiyaanadhaa?’ jedhanii gaafachuunsaanii hin oolu.

Mee dhimma kana karaa gara biraatiin haa ilaallu. Yeroo baayʼee namni biyya garabiraa adeemu tokko biyyicha seenuusaa dura lammii biyya eessaa akka taʼe qaama dhimmisaa ilaallatutti dubbachuu qaba. Kana malees, wanti inni dubbate sirrii taʼuusaa mirkaneessuuf waraqaa eenyummaa, tariimmoo paaspoortiisaa argisiisuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni dhugaan tokko Kiristositti akka amanu dubbachuu malees wanta addaan isa baasu tokko qabaachuu qaba. Wanta eenyummaasaa beeksisu dabalataa qabaachuu isa barbaachisa. Wanti kun maalidha?

Jecha “Kiristiyaana” jedhutti yeroo jalqabaatiif fayyadamuun kan eegale Dh.K.B. bara 44⁠ttidha. Luqaas inni barreessaa seenaa Macaafa Qulqulluu taʼe, “Bartoonni jalqaba duraa Anxokiyaatti ‘Kristiyaanota’ jedhamanii waamaman” jedhee galmeesseera. (HoE. 11:26) Namoonni Kiristiyaanota jedhaman kun bartoota Kiristos akka turan hubadhu. Namni tokko bartuu Yesus Kiristos akka taʼu kan isa godhu maalidha? Kitaabni Za Niiwu Intarnaashinaal Dikshinarii oov Niiwu Teestaamen Tiʼooloojii jedhamu, ‘Bartuu Yesus taʼuu jechuun hamma lubbuudhaan jiranitti, daangaa tokko malee guutummaa jireenya ofii aarsaa gochuu jechuudha’ jedhee ibseera. Kanaaf Kiristiyaanni dhugaan, nama barumsaafi qajeelfama Yesus isa Kiristiyaanummaa hundeessee guutummaatti, akkasumas daangaa tokko malee hordofudha.

Namoota yeroo harʼaatti Kiristiyaana ofiin jedhan keessaa namoota akkasii argachuun ni dandaʼamaa? Yesus wantoota duuka buutonnisaa warri dhugaan ittiin beekaman ilaalchise maal jedheera? Kanatti aansuudhaan deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu akka qortu si afeerra. Mataduree ittaanurratti, karaawwan shanan duuka buutonnisaa warri dhugaan addaan baafamanii ittiin beekaman dubbate qorra. Kiristiyaanonni jaarraa jalqaba ulaagaa kana kan guutan akkamitti akka taʼe ilaalla. Achiis namoota yeroo harʼaatti Kiristiyaanota ofiin jedhan keessaa ulaagaa kana kan guutan eenyufaa akka taʼan qoruuf yaalla.