Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Abrahaam ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu kan isa gaafate maaliifi?

Waaqayyo Abrahaam ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu kan isa gaafate maaliifi?

Gaaffii Dubbistootaa

Waaqayyo Abrahaam ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu kan isa gaafate maaliifi?

▪ Akkuma Macaafa Uumamaa keessatti ibsame, Yihowaan Abrahaam ilmasaa Yisihaqiin aarsaa godhee akka dhiheessu gaafatee ture. (Uumama 22:2) Namoonni Macaafa Qulqulluu dubbisan tokko tokko seenaa kana hubachuun baayʼee isaanitti ulfaata. Piroofeesarri Kaarol jedhamu, “Yeroon ijoollee turetti yommuun seenaa kana dhagaʼu baayʼeen aare. Waaqni waan suukanneessaa akkasii nama gaafatu waaqa akkamiiti?” jedheera. Miirri akkasii akka namatti dhagaʼamu beekamaa taʼus, yaadawwan lama qalbeeffachuun keenya barbaachisaadha.

Tokkoffaa, wanta Yihowaan hin goone haa ilaallu. Abrahaam ilmasaa aarsaa gochuuf qophaaʼee kan ture taʼus, Yihowaan akka inni kana godhu hin heyyamne; sana boodas nama tokkollee gaaffii akkasii hin gaafanne. Ijoollee xixinnoo dabalatee waaqeffattoonnisaa hundi, umrii dheeraafi jireenya gammachiisaa akka jiraatan barbaada.

Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun Yihowaan sababa itti Abrahaam ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu itti gaafate ni ibsa. Waaqayyo jaarraawwan hedduu booda Ilmisaa * Yesus nuuf jedhee akka duʼu kan heyyamu taʼuusaa beeka ture. (Maatewos 20:28) Yihowaan, Ilmisaa akka duʼu yommuu godhutti aarsaa guddaa hangamii akka godhe nu hubachiisuu barbaadee ture. Gaaffiin Yihowaan Abrahaamiif dhiheesse, aarsaa inni gara fuulduraatti gochuuf jiruuf fakkeenya guddaa kan taʼu ture. Akkamitti?

Yihowaan Abrahaamiin, “Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii . . . qalma gubamu godhii isa anaaf dhiʼeessi!” jedheera. (Uumama 22:2) Yihowaan waaʼee Yisihaq, “Ilma kee isa tokkicha isa jaallattu” jechuusaa hubadhu. Inni, Abrahaam Yisihaqiin hangam akka mararsiifatu beeka ture. Ilmasaa Yesusiin ilaalchisee akkasuma akka isatti dhagaʼamu beeka ture. Yihowaan Yesusiin baayʼee waan jaallatuuf samiirraa al lama, “Ilma koo isa jaallatamaa” jedhee isa waameera.​—Maarqos 1:11; 9:7.

Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, gaaffiin Waaqayyo Abrahaamiif dhiheesse “wanti GOOFTAAN gaafachaa jiru aarsaa guddaa kan gaafatu taʼuusaa akka hubate” kan argisiisu taʼuusaa barreessaniiru. Gaaffiin Waaqayyoo, Abrahaamiin baayʼee gaddisiisee akka ture tilmaamuu dandeenya; Yihowaanis Ilmisaa inni jaallatamaan dhiphatee siʼa duʼu arguun hangam akka isa gaddisiise hubachuun ulfaataadha. Kun waan sanaan dura isa mudatee ture ykn sana booda isa mudachuu dandaʼu caalaa Yihowaa gaddisiisee akka ture hin shakkisiisu.

Kanaaf wanti Yihowaan Abrahaamiin gaafate kan nama suukaneessu taʼus, Waaqayyo namni amanamaan kun ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu kan hin heyyamne taʼuusaa beekuun keenya barbaachisaadha. Waaqayyo Yisihaq akka hin duune gochuudhaan gaddi guddaan nama abbaa taʼerra gaʼu Abrahaamirra akka hin geenye godheera. Haataʼu malee Yihowaan, ‘ilmasaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee kenneera.’ (Roomaa 8:32) Yihowaan wanti gaddisiisaan akkasii ofiisaarra akka gaʼu kan heyyame maaliifi? ‘Jireenya akka argannuuf’ jedheeti. (1 Yohannis 4:9) Kun jaalala guddaa Waaqayyo nuuf qabu nu yaadachiisa! Kanaaf jaalala isaaf qabnu argisiisuuf kakaʼuu hin qabnuuree? *

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Macaafni Qulqulluun Waaqayyo Yesusiin kallattiidhaan dubartii tokkorraa akka godhate hin barsiisu. Kanaa mannaa, Yihowaan qaama hafuuraa duraan uume kana, gara lafaatti ergee Maariyaam ishee durba turterraa akka dhalatu godheera. Kanaaf, Waaqayyo Yesusiin waan uumeef Abbaasaa jedhamuu dandaʼa.

^ key. 8 Sababa itti duuti Yesus barbaachiseefi karaa itti aarsaa kanaaf dinqisiifannaa keenya argisiisuu qabnu caalaatti barachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 5 ilaali.