Dhimma ijoo ta'etti seeni

Hafuurri Qulqulluun Maali Dha?

Hafuurri Qulqulluun Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Hafuurri Qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. (Miikiyaas 3:8; Luqaas 1:35) Waaqayyo humni isaa bakka kamitti iyyuu fedha isaa akka raawwatu gochuuf hafuura isaa erga.—Faarfannaa 104:30; 139:7.

 Kitaaba Qulqulluu keessatti, jechi “hafuura” jedhu jecha Afaan Ibrootaa ruuʼaah jedhuu fi jecha Afaan Giriikii piniwuumaa jedhamu irraa kan hiikame dha. Jechoonni kun yeroo baayʼee humna Waaqayyoo ykn hafuura qulqulluu argisiisuuf itti hojjetamu. (Uumama 1:2) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun wantoota kan biraa argisiisuufis jechoota kanatti ni fayyadama:

 Yaadawwan kana hunda wanti wal isaan fakkeessu, ijaan kan mulʼatan taʼuu baatanis dhiibbaa isaan geessisan arguu ni dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, hafuurri Waaqayyoo, “akkuma qilleensaa kan hin mulʼanne, harkaan kan hin qaqqabamnee fi humna kan qabu dha.”—An Expository Dictionary of New Testament Words, by W.  E. Vine.

 Kana malees hafuurri qulqulluun Kitaaba Qulqulluu keessatti “harka” ykn “quba” Waaqayyoo akka taʼetti ibsameera. (Faarfannaa 8:3; 19:1; Luqaas 11:20; Maatewos 12:28 waliin ilaali.) Namni ogeessi tokko hojii isaa raawwachuuf harka isaa fi quba isaatti akkuma fayyadamu, Waaqayyos hafuura isaatti fayyadamee wantoota armaan gadii hojjeteera:

Hafuurri qulqulluun qaama hin qabu

 Kitaabni Qulqulluun, hafuurri qulqulluun qaama akka hin qabne argisiisuuf harka, quba ykn qilleensatti fayyadama. (Baʼuu 15:8, 10) Akkuma harki nama ogeessa tokkoo sammuu isaa fi qaama isaa malee hojjechuu hin dandeenye, hafuurri qulqulluunis qajeelfama Waaqayyootiin qofa hojjeta. (Luqaas 11:13) Kitaabni Qulqulluun, hafuura Waaqayyoo bishaanii wajjin wal bira qabee kan ibsu siʼa taʼu, yeroon itti amantii fi beekumsaa wajjin wal bira qabamee itti ibsames jira. Hafuurri qulqulluun haala kanaan ibsamuun isaa qaama akka hin taane mirkaneessa.—Isaayaas 44:3; Hojii Ergamootaa 6:5; 2 Qorontos 6:6.

 Kitaabni Qulqulluun, Yihowaa fi Ilmi isaa Yesuus Kiristoos maqaa akka qaban ibsa; taʼus hafuurri qulqulluun maqaa akka qabu bakka kam irratti iyyuu hin ibsamne. (Isaayaas 42:8; Luqaas 1:31) Isxifaanos inni sababii amantii isaatiin ajjeefamuudhaan Kiristiyaana jalqabaa taʼe mulʼataan wantoota samii irraa yeroo argetti, wanti inni arge qaamota sadii utuu hin taʼin qaamota lama qofa dha. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Isxifaanos hafuura qulqulluudhaan guutamee gara samii yommuu ilaalu, ulfina Waaqayyoo fi Yesuus mirga Waaqayyoo dhaabatee arge.” (Hojii Ergamootaa 7:55) Hafuurri qulqulluun, humna Waaqayyo wantoota raawwachuuf itti fayyadamu waan taʼeef, Isxifaanos mulʼaticha akka argu kan isa taasise hafuuruma kana dha.

Waaʼee hafuuraa qulqulluu ilaalchawwan dogoggoraa jiran

 Ilaalcha dogoggoraa: Hafuurri Qulqulluun qaama kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, akkuma 1 Yohaannis 5:7, 8 [hiika bara 1899] irratti ibsame kutaa Sillaasee ti.

 Dhugaa jiru: Akka Kitaaba Qulqulluu hiika bara 1899⁠tti 1 Yohaannis 5:7, 8 akkana jedha: “Waaqa irratti kan dhugaa baʼu sadidhaʼoo, isaanis abbaa, sagalee, hafuura qulqulluus. Isaan kun sadanuus tokko. Lafa irratti kan dhugaa baʼan sadidha.” Haa taʼu malee, qorattoonni Yohaannis ergamaan yaada kana akka hin dubbanne kan bira gaʼan siʼa taʼu, yaanni kun kutaa Kitaaba Qulqulluu miti. Piroofeesar Biruus Maaniingi Meetisiigar, “Jechoonni kun soba waan taʼaniif kutaa Kakuu Haaraa taʼuu hin qaban” jedhaniiru.—A Textual Commentary on the Greek New Testament.

 Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluun hafuurri qulqulluun wantoota wanti qaama qabu tokko raawwatu akka raawwate godhee ibsuun isaa qaama akka qabu mirkaneessa.

 Dhugaa jiru: Hafuurri Qulqulluun yeroo wanta wanti qaama qabu tokko raawwatu akka raawwate godhamee itti ibsame jira; taʼus kun qaama mataa isaa dandaʼe akka qabu hin mirkaneessu. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun ogummaan, duutii fi cubbuun wantoota wanti qaama qabu tokko raawwatu akka raawwatan godhee ibseera. (Fakkeenya 1:20; Roomaa 5:17, 21) Fakkeenyaaf, ogummaan “hojii” fi “ijoollee” akka qabdu, duuti immoo akka gowwoomsu, akka ajjeesuu fi nama keessatti fedhii gomjaʼuu akka uumu godhamee ibsameera.—Maatewos 11:19; Luqaas 7:35; Roomaa 7:8, 11.

 Haaluma wal fakkaatuun, Yohaannis ergamaan Yesuus hafuurri qulqulluun, “gargaaraa” akka taʼe dubbateera; gargaaraan kunis ragaa kan dhiheessu, kan geggeessu, kan dubbatu, kan dhagaʼu, kan beeksisu, kan kabajuu fi kan fudhatu akka taʼe ibseera. (Yohaannis 16:7-15) Yohaannis caqasa kan biraa irratti waaʼee hafuura qulqulluu yommuu dubbatu jecha Afaan Giriikii piniwuumaa jedhu kan fayyadame jecha koorniyaa hin qabnee fi wantootaaf oolutti taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha.—Yohaannis 14:16, 17.

 Ilaalcha dogoggoraa: Namni tokko maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuun isaa hafuurri qulqulluun qaama akka qabu mirkaneessa.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun jecha “maqaa” jedhu yeroo tokko tokko humna ykn aangoo argisiisuuf itti fayyadama. (Keessa Deebii 18:5, 19-22; Asteer 8:10) Fakkeenyaaf jechamni baramaan “maqaa seeraatiin” jedhamu jira; kana jechuun seerri qaama akka qabu kan argisiisu miti. Namni tokko “maqaa” hafuura qulqulluutiin cuuphamuun isaa, humnaa fi gaʼee hafuurri qulqulluun fedha Waaqayyoo raawwachuu irratti qabu amanee fudhachuu isaa argisiisa.—Maatewos 28:19.

 Ilaalcha dogoggoraa: Ergamoonni Yesuusii fi barattoonni isaa jaarraa jalqabaatti turan hafuurri qulqulluun qaama qaba jedhanii amanu turan.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluunis taʼe seenaan yaada kana hin deggeru. Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu akkana jedha: “Yaanni Hafuurri Qulqulluun qaama mataa isaa akka qabu ibsu . . . Gumiin Qosxanxiniyaa Dh.K.B. bara 381 erga godhamee booda kan dhufe dha.” Kana jechuun ergamaan inni dhumaa erga duʼee waggaa 250 ol booda jechuu dha.